Abbaan amantii “Baahiree” jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal’atan.
Oromoo Saba “Pastoralist/nomadic” fi “semi-agriculturalist” jedhaman keessaa akka dhufe amanama. Qo’annoon jiru akka ibsutti Oromoon ganna kumaa ol Afrikaa Bahaa keessa akka jiraate amanama (Prouty at al, 1981). Akkaataan lafa, aadaa fi afaan isaa Oromoo Afrikaa keessa dabre immoo addunyaa keessatti akka beekamtu isa godheera. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kushii dubbatu guddicha dha.
Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca’ee argama. Ummatni Oromoo ummata afaan kushi dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa tokko dha.